TOI Afrikaatti madda oduu amanamaafi dhiibbaa kan uumuu akka ta'uuf hojjetamaa jira.

145

Bitootessa, 30/2014(TOI) - Tajaajilli Oduu Itoophiyaa haala umurii isaa gituun Afrikaatti madda oduu amanamaafi dhiibbaa kan uumuu akka ta'uuf hojjetamaa akka jiru Hogganaan olaanaa dhaabbatichaa himan.

Hundeeffama waggaa 80ffaa dhaabbatichaa sababeeffachuun dhaabbatichi magaalaa Bahaar Daaritti agarsiisa qopheessera.

Hogganaan TOI obbo Seeyfaa Darribee akka sirna kanarratti dubbatanitti, TOI hundeeffama isaarraa jalqabee dhimmoota dinagsee, hawaasummaafi siyaasaaațti gabaasawwan oduufi oduu waliin hidhata qaban uummataaf dhiheessuun dhaabbata milkaa'ina hedduu qabudha.

Dhaabbatichi hundeeffama waggaa 80ffaa isaa kan kabajuuf seenaa isaa isa darbee seeneessuuf qofa osoo hin taane cimina inni qabu caalaatti itti fufsiisuufi rakkoo inni qabu immoo firuun caalaatti uummata akka tajaajilu gochuuf hojjechaa jiraachuu mul'isuufi jedhaniiru.

Biyya haalonni walxaxoofi rakkisoo ta'an mudatus TOI waliigalteen biyyaalessaa akka umamuuf adda duruumman gabaasaawwan madaalawwa ta'an uummataaf dhiheessa jira jedhaniiru.

Tajaajilli Oduu Itoophiyaa haala umurii isaa gituun Afrikaatti madda oduu amanamaafi dhiibbaa kan uumuu akka ta'uuf hojjetamaa akka jirus Hogganaan olaanaa dhaabbatichaa himaniiru.

Kanaafis Istiidiyoo Raadiyoofi Televizhiinii waan hundaan guutamee gamoo ijaarsisaa jiru keessatti ijaarsisee xumuraa jiraachuu himaniiru.

Kunis gabaasaawwan naannoo,biyyaaleessaafi akka aardiirratti xiyyeeffatan caalaa cimsee akka hojjetu kan dandeesisuudha jedhaniiru.

Hogganaan Biiroo dhimmoota Kominikeeshinii naannoo Amahaaraa obbo Gizaachoo Mulunee gama isaaniin, TOI naannichatti miidiyaa dirqama isaa karaa sirrii bahaa jiru, miidiyaa hangafaafi waliin ta'anii hojjechuurratti muuxannoo gaarii qabudha jedhaniiru.

Gabaasawwan madallawwa ta'an dhimmoota hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaarratti hojjechuun miidiyaalee biyya keessaa fi alaaf dhiheessuun miidiyaa ashaaraa isaa kaawwatedha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015