Magaalichatti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 6 darbe

58

Finfinnee, Bitootessa 27/2014 (TOI) – Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Gullallee aanaa 1tti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 6 darbuu ibsame.Balichaan barattoota 2 dabalatee lubbuun namoota 6 darbuu ibsameera.

Taksiin lakkoofsi gabatee isaa AA02166 ta’e Quusqaam irraa gara Shiroo Meedaatti osoo imalaa jiruu fireeniin cituun balaa qaqqabeen lubbuu daa’imman barattootaa dabalatee namoota 6 darbuu hogganaan Waajjira Bulchiinsa Nageenyaa kutaa magaalichaa obbo Geetaahuun Abarraa ibsaniiru.

Hangaa miidhaan qaqqabee fi sababa ka’umsa balichaa baruuf qorannoon dabalataa taasifamaa jiraachuu ragaan kominikeeshinii kutaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015