''Qormaanni bahumsa Yunivarsitii lammii dorgomaafi dandeettii qabu uumuuf dandeessisa'

77

Bitootessa 26/2014(TOI) - Qormaanni bahumsa Yunivarsitii lammii dorgomaafi dandeettii qabu uumuuf dandeessisu ta'uu ministirri barnoota beeksise.

Ministeerri Barnootaa pirezdaantoota dhaabbilee barnoota olaanaa waliin kenniinsa qormaata bahumsaa ilaalchisee qo’annoo gaggeesse.

Qo’annoo kanarratti qormaata bahumsaa ilaalchisee beektoota adda addaatiin barreeffamni qo’annoo dhiyaatee irratti mari’atameera.

Deetaan Ministira Barnootaa Doktar Saamu’el Kiflee qormanni bahumsaa Yunivarsitiitti kennaman lammii dandeettiifi gahumsisaa mirkanaa’e akkasumas naamusaan guutame uumuuf kan gargaarudha jedhan.

Qormaanni kun bu’ura piroofaayilii eebbifamtootaan, eebbifamtoota gahumsa qabaniifi dorgomaa ta’an adda baasuun humna nama baratee gabaaf dhiyeessuuf kan dandeesisudha jedhan.

Qormaanni bahumsa yunivarsitii kun waggaa dhufurraa eegalee dhaabbilee barnoota olaanaa keessatti kan kennamuufi kanaafis qophiin haalduree barbaachisaa taasifamaa jiraachuu Doktar Saamu’el himaniiru. Ministeera Barnootaarraa odeeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015