Waldaan Fannoo Diimaa Idil-Addunyaa deeggarsa namoomaa toonii 200 gara Naannoo Tigraayitti geejjibsiisuu eegaluu beeksise.

64

Bitootessa 26/2014(TOI) - Waldaan Fannoo Diimaa Idil-Addunyaa deeggarsa namoomaa toonii 200 gara Naannoo Tigraayitti geejjibsiisuu eegaluu beeksise.

Waldaan kun deeggarsicha geejjiba lafoon gara Naannoo Tigraayitti guyyaa kaleessaa irraa eegalee geejjibsiisuu eegaluun himame.

Deeggarsichis miidhaan nyaata, galteewwan yaalaafi bishaan qulqulleessu yoo ta’uu konkolaatootaan fe’amanii gara naannoo Tigraayi galuu Waldichatti Dubbii Himaan Itiyoophiyaa Faatima Saatoor himaniru.

Waldichi gara naannoo Tigraayi deeggarsa geejjibu kan eegale ji’a 6 booda ta’uufi fuula dura idileen deeggarsa namoomaa kan dhaqqabsiisuu ta’uu himamera.

Dhaabbatichi kanaan dura geejjiba qilleensaan galteewwan dawaafi yaalaa lubbuu baraaran geejjibaa turu himame.

Sagantaan Nyaata Addunyaa torbee darbe konkolaattoota 13’n deeggarsa meetiriik toonii 500 fe’uun Naannoo Tigraayiif dhaqqabsiisuun ni yaadatama.

Mootummaan Itoophiyaa dhaqqabinsa deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayi saffisiisuuf jecha Bitootessa 15 bara 2014 murteen waraanaa dhaabuu murteessunsa ni yaadatama.

Hagayya 14 bara 2013 irraa hanga Muddee 6 bara 2014’ti qaamolee deeggartootaan giddugaleessaan nyaataafi meeshaaleen meetiriik toonii kuma 51fi 497 deeggaramtootaaf geejjibsifameera jedhame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015