Qindoomina Chaayinaa fi Itoophiyaan damee Indastirii irratti qaban cimsuuf ni hojjetama

64

Bitootessa 26/20149TOI) - Qindoomina Chaayinaa fi Itoophiyaan damee Indastirii irratti qaban caalaatti cimsuuf kan hojjetamu ta'uu Itoophiyaatti imbaasiin Chaayinaa beeksise.

Itoophiyaatti ambaasaaddarri Chaayinaa ambaasaaddar Zaahoo Ji'anihaa paarkiwwan indastirii Amahaaraa, Dirree dawaa, Sidaamaafi naannoo Saboota, sablamootaafi uummatoota kibbaatti argaman daawwataniiru.

Daawwanna kana ilaalchisuun imbaasichi ibsa baaseen qindoomina Itoophiyaa fi Chaayinaan damee Indastiriirratti qaban cimsuuf caalaatti ni hojjetama jedheera.

Hojii damicha cimsuuf hojjetamuun fayyadamummaa biyyoota lamaanii cimaa ta'uufi damee hojii kanaan carraa hojii uumuun akka danda'umuus hubatameera.

Chaayinaanfi Itoophiyaan damee hojii indastirii kanarratti dureeyyoota hirmaachisuun cinaatti waliitti hidhaminsa tekinolojiifi gabaa akkasuma ijaarsa humana namaarratti waliin ta'anii kan hojjetan ta'uun ni beekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015