Deeggarsi namoomaa ariifachiisaan meetirik tooniin 500 naannoo Tigraayiin qaqqabe

53

Finfinnee, Bitootessa 23/2014 (TOI)- Deeggarsi midhaan nyaata ariifachiisaan meetirik tooniin 500 naannoo Tigraayiin qaqqabuu Dhaabbanni Nyaata Addunyaa beeksiseera.

Geejjiba lafarraatiin deeggarsi namoomaa gara naannichaatti imaluun eegaluu hordofee bu’aan gaariin argamaa jiraachuu dhaabbatichi beeksiseera.

Guyyaa har’as deeggarsi midhaan nyaata ariifachiisaan meetirik tooniin 500 dhaabbatichaa fi qaamolee tumsiitoota waliin naannichaa qaqqabuun ibsameera.

Mootummaan naannoo Tigraayiitti deeggarsi namoomaa cimee akka itti fufuuf dhuukaasa dhaabuuf murteessuun isaa ni yaadamata.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015