Paarkiin indastirii Kombolchaa oomisha gara biyya alaatti erge irra doolaara miiliyoona 7.4 argate.

Bitootessa 21/2014(TOI) - Paarkiin Indastirii Kombolchaa miidhaa gareen shororkeessaa ABUT irraan gaheerra damdamachuun oomishalee gara biyya alaatti erge irraa galii doolaara miiliyoona 7.4 ol argachuu beeksise.

Paarkichi hojii paarkichi hojjechaa jiru qaamolee adda addaa daawwachiisuuf qophii taasisaa jira.Hojii geggeessaan olaanaa Paarkichaa obbo Ahmad Sayiid TOI akka himanitti gareen shororkeessaa ABUT Paarkii Indastirii Kombolchaa baay'ee miidheera.

Paarkichi deeggarsa mootummaa fi paarkiwwan indastirii biroon taasisaniifin yeroo gabaabaa keessatti damdamachuu danda'uus himaniiru.

Haaluma kanaan paarkichi oomishaalee gara biyya alaatti erge irraa galii doolaara miiliyoona 7.4 argachuu himaniiru.Galii argame kana keessaa doolaarri miiliyoonni 3.4 weerara garichaan booda hojii hojjetameerra kan argame ta'uus himaniiru.

Paarkiin indastirii Kombolchaa oomishaalee gara gabaa alaatti erguun galii kana irraa argate keessaa, Borsaa harkaa dubartoota,Kaalsii,Suufii guutuu kan dhiirootaa, kafana Ispoortiifi kanneen biroorra ta'uun himaniiru.

Paarkiichi bara bajataa kanatti galii doolaara miiliyoona 13 argachuuf kan karoorsee yoo ta'uu miidhaa paarkicharra gaheerra damdamachuun karoora kana galmaan gahuuf gahumsa gaariirra jirra jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015