Naannoo Afaar bakkee waraanni turetti barattoonni kumni 40 ol ammas barnootatti hin deebine

68

Finfinnee, Bitootessa 21/2014 (TOI) – Naannoo Afaar bakkeewwan waraanni turetti barattoonni kumni 40 ol ammas barnootatti kan hin deebine ta’uu Biiroon Barnootaa naannichaa beeksise.

Waraanaan dura barattoonni kumni 90 barnootarra kan turan ta’uu fi yeroo ammaa barattoonni kumni 40 ol barnootarra kan hin jirre ta’uu Itti aanaa hogganaan Biiroo Barnootaa naannichaa obbo Darrasaa Mahaammad ibsaniiru.

Baratoonni kunneen sababaan mana barnootaatti osoo hin deebi'iin hafaniif bakka hedduutti manneen barnootaa waan diigamaniif, bishaan dabalatee bu'uraaleen misoomaa biroon waan barbada'aniif ta'uu himameera.

Waraanaa hama naannoo isaanii turee irraa kan ka'ees miidhaa xiinsammuuf saaxilamuun sodaatanii mana barnootaatti deebi'uu kan dhiisanis akka jiran himameera.

Biiroon barnoota naannichaa baratoonni mana barnootaarra hafan kunneen akka mana barnootatti deebi'aniif hawaasa waliin marii taasisaa jiraachuu ragaan ministeera barnootaarra argame ni muli'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015