Mata duree “Itoophiyaa baraaruuf marii biyyaalessaa hirmaachisaa” jedhuun mariin paanaalii gaggeeffame

86

Finfinnee, Bitootessa 21/2014 (TOI)- Mata duree “Itoophiyaa baraaruuf marii biyyaalessaa hirmaachisaa” jedhuun mariin paanaalii gaggeeffameera.

Marichi Yuunvarsiitii Finfinneetti Inistiityuutii Qorannoo fi Qo’annoo fi ISSn kan qophaa’e ta’uu insameera.Waltajjiin marichaa barbaachisummaa marii biyyaalessaa gaggeessuu fi haaldureewwan jiran, marii biyyaalessaa gaggeessuuf muuxannoo biyyoota biroo akkasumas ga’umsa Itoophiyaan qabduu fi dhimmoota biroorratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.

Rakkoolee biyyaalessaa waggoota dheeraaf turan marii biyyaalessaan furuuf tattaaffii taasifamu deeggaruuf mootummaan kutannoo qabaachuu Ministeera Nageenyaatti Ministir Deetaan damee Bulchiinsa Federaalizimii fi Waldhabdee Dooktar Siyyum Masfin ibsaniiru.

Hirmaattonni marichaa yaadota marii biyyaalessaaf ni fayyada jedhan kaasanii irratti mari’achuu ragaan Ministeera Nageenyaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015