Boordichi komiiwwan paartilen siyaasaa dhiyeessaniif furuuf hojjechaan jira jedhe.

59

Bitootessa, 20/2014(TOI) - Boordiin Filannoo Itoophiyaa komiiwwaan paartileen siyaasa dhiyeessaniif karaa waaraan furuuf garee qorannoo dhimma komii isaanii qulqulleessuu hundeessuun hojjechaa jiraachuu beeksise.Boordichi paartilee siyaasaa waliin dhimmoota adda addaa irratti mari'achaa jira.

Marii kanarratti akka himameetti, labsii yeroo ariifachiisa labsamee ture hordofee akkasumas yeroo biroo rakkoo nu mudateera jedhanii paartileen siyaasaa dhiheeffatan garee qorannoo hundeessuun dhimmicha qulqulleesuuf hojiin bal'aan hojjetamaa jirachuu himameera.

Boordichi komiiwwan paartilee siyaasaan dhiyaatan bu’uureffachuun bakkeewwan rakkoon uumameera jedhamanitti socho’ee qorannoo taasisuun furmaata seera qabeessa hojiirra oolchuu gabaasaan dhiyeesseera.

Haaluma kanaan komiiwwan gama ABO fi KFOn ka’an fudhachuun miseensota paartilee kanneenii naannoo Oromiyaa manneen hidhaa garaagaraa keessatti hidhamaniiru jedhaman bakkichatti argamuun qorannoo taasisuu ibsuun hojiimaanni seera qabeessi akka hojiirra oolu gochuun furmaata itti kennuu eereera.

Komiiwan paartilee siyaasaa hafaniif furmaata laachuuf hojjechaa jiraachuu kaasuun dhimmoonni paartii biyya bulchurraa deebii hatattamaa barbaadan deebiin akka itti laatamu yaadachiisera.

Deeggarsa maallaqaa mootummaan bara kana paartilee siyaasaaf taasisee fi muuxannoo paartilee siyaasaa yaa’ii waliigalaa gaggeessan irratti mari’atameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015