Hojiiwwan siyaasaa fi hawaasummaa hojjetaman qaama miidhamtoota hammachuu qabu.

90

Bitootessa, 20/2014(TOI) - Itoophiyaatti hojiiwwan rakkoowwan siyaasaa fi hawaas-dinagdee furuuf hojjetamaan hunduu qaama miidhamtoota hammachuu akka qaban ibsame.

Waltajjiin marii Jiddugalli guddina mirgootaafi dimookraasii mata duree 'Adda bahoo mootummaa fi amantaa' fi Dhimma uummatoota bicuufi kanneen rakkoof saaxilamoota ta'an jedhuun qophaa'e geggeeffama jira.Waltajji kanarratti hayyoota dargaggoota sadarkaa biyyaatti bakkee adda addaa walitti dhufaniitu hirmaachaa jira jedhameera.

Sirna kanarratti haasaa kan taasisan pireezidaantiin waldaa qaama miidhamtoota dubartoota Itoophiyaa Dibaabee Baacaa,'' Qaama miidhamtoota irratti loogiin hawaasumaafi dinagdee'' raawwachaa jira jedhaniiru.

Loogiiwwan kunis mana barnootaatti, Dhaabbilee fayyaatti, bu'uraalee misoomaa kanneen akka geejibaa irratti baay'iin ni mul'atu jedhaniiru.

Rakkoo kana furuufis imaammata hundaa hammataa ta'e qopheesuufi hojiirra oolchuun barbaachisadha jedhaniiru.Keessaayyu Itoophiyaatti hojii rakkoo siyaasaa fi hawaasumma furuuf hojjetamuu keessatti qaama miidhamtoota hirmaachisuun barbaachisaa ta'uu himaniiru.

Itoophiyaa biyya qaama miidhamtoota miiliyoona 20 qabdu keessatti hojiiwwan dhimma dinagdeefi hawaasumma hojjennu keessatti qaama miidhamtoota osoo hin hirmaachisinii ni milkeessina jedhanii yaaduun hin danda'amu jedhaniiru.

Dhaabbileen miidiyaas hojii isaanii keessaatti sagantaawwan qaama miidhamtoota jiddugala taasifataan qopheessuu akka qabaniis himaniiru.

Waltajji kanarratti waraqaan qorannoo dhimmoota adda addaa irratti dhihaatani mari'atama jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015