Tapha guutuu Oromiyaa irratti Ispoortessitoonni godina Shawaa lixaa bakka bu'an filataman.

122

Ambo Ebla 03/2011 Tapha guutuu Oromiyaa magaalaa Naqamteetti adeemsifamuuf jedhu irratti Ispoorteessitoonni godina Shawaa lixaa bakka bu'an 86 filataman.

Ispoorteessitoonni kunneen kan filataman tapha aanolee godina Shawaa lixaa gidduutti adeemsifamaa ture irratti dha.

Kubbaa saaphanaa, kubbaa miilaa, kubbaa harkaa, Teenisa, Cheezii, Daartii fi Atileetiksiin saala lamaan irraa Ispoorteessitoonni kunneen filatamuu danda'aniiru.

Taphni aanolee godina Shawaa lixaa gidduutti guyyoota darbaniif adeemsifamaa tures xumurameera.

Warshaan Simintoo Mugar, Injiinariingii Hoomachoo fi koolleejii Gloobaal Amboo akkasumas Aanoleen 22 tapha kana irratti hirmaatanii turan.

Taphaa guyyaa dhumaa irratti taasifameenis Teenisii koorniyaa lamaaniinuu akkasumas tapha kubbaa harkaatiin aanaan Ejeree Injifateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015