Torbeen aadaa Oromiyaa Bitooteessa 18 hanga 20 magaalaa Shaashamanneetti kabajama.

58

Bitootessa 15/2014(TOI) - Torbeen aadaa Oromiyaa sadarkaa Oromiyaatti Bitootessa 18 hanga 20/2014 godina Arsii Lixaa magaalaa Shaashamanneetti akka kabajamu Biiroon aadaa fi Turizimii Oromiyaa beeksiseera.

Torbeen aadaa kun "Aadaan keenya guddina Turizimii keenyaaf" mata duree jedhuun kabajama jedhameera.

Biiroon Aadaa fi turizimii Oromiyaa ibsa laateen akka jedhetti torbeen aadaa kun guddina aadaa keessatti gahee guddaa qaba jedheera.

Ibsicha kan laataan hoggantuun Biiricha aadde Saa'ad Usumaan kaayyoo torbee aadaa kun qabeenyaa aadaa keenya guddina turizimii akka oolchinu gargaara jedhaniiru.

Torbee aadaa kanarratti godinaaleen Oromiyaa hunduu ni hirmaatu jedhameera.

Dorgommiin muuziqaas baandiiwwan adda addaa jidduutti kan taasifamu yoo ta'u agarsiifnii aadaa sirna kanarratti ni raawwata jedhaniiru.

Guddina aadaa fi aartii Oromoo keessatti kanneen gumaacha taasisaniifis beekamtiin ni kennamaaf jedhaniiru.

Mariin paanaalii akkasuma Simpooziyeemiin qorannoofi qo'annoos qaama sagantaa kanaa keessatti argama jedhaniiru.

Naannolee biyyaatti hundaarra gareen aadaa affeeramanis torbee aadaa Oromiyaa kanarratti ni hirmaatu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015