Magaalaa Finfinneetti waltajjiin marii hawaasaa jalqabe.

77

Bitootessa 14/2014(TOI) - Magaalaa Finfinneetti waltajjiin marii hawaasaa sadarkaa magaalaatti geggeeffamu jalqabe.

Mariin kun magaalichaatti jiddugaleessaarra hanga aanaatti sadarkaa sadarkaan ni geggeeffama jedhameera.

Haaluma kanaan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee fi itti aanaan pireezidaantii paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah hawaasa magaalichaa bakka adda addaati walitti dhufam mariisisaa jiru.

Kayyoon marii kanaas gaaffiiwwan hawaasarra dhihaattaan irratti mariiyachuun kallatti furmaataa waloo kaa'uuf ta'uu himameera.

Murtoowwaan yaa'ii 1ffaa Paartii badhaadhinaan darbaanis kan waloo taasifachuun hojii gara fuula duraatti hojjetamu irrattis ejjennoo walfakkataa qabaachuuf jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015