Waltajjiin murtoo fi kallattii Paartii Badhaadhinaarratti xiyyeeffate magaalaa Walqixeetti taasifamaa jira.

82

Bitootessa 14/2014(TOI) - Magaalaa Walqixeetti waltajjiin marii murtoo fi kallaattii fuula duraa Paartii Badhaadhinaarratti xiyyeeffate taasifamaa jira.

Waltajjii marii kanarratti miseensii koree hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaafi ministirri qindeessaa jiddugala ijaarsa sirna dimokraasii ambaasaaddar Hasan Abdulqaadir, itti aanaa Pirezidaantii naannoo Amahaaraa doktar Geetaachoo Jambaar,bulchaa godina Guraagee obbo Mahaammad Jamaalfi hoggantoonni mootummaa federaalaa fi naannolee akkasuma hawaasni magaalaa Walqixee argamaniiru.

Waltajjiin marii kunis mata duree nagenyaa hawaasaafi tokkumma sab- daneesummaan akka dagaagu ni hojjenna kan jedhuun geggeeffamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015