Manni maree naannoo Affaar bajata dabalataa birrii miiliyoona 253 raggaase.

122

Bitootessa 14/2014(TOI) - Manni maree naannoo Affaar yaa'ii idilee 1ffaa waggaa 1ffaa bara hojii 6ffaa ta'een bajata dabalataa birrii miiliyoona 253 ol raggaaseera.

Manni mariichaa yaa'ii isaa kanaan muudama miseensoota koree dhaabbiis raaggaasuun yaa'ii isaa xumureera.

Bajanni dabalataa kunis hojii keessoo mootummaa naannichaa, dhimma nageenyaafi buchiinsa gaarii akkasuma hojii misoomaa biroof kan ooludha jedhameera.

Manni marichaa yaa'ii isaan Aadde Faaxumaa Adam miseensa koree dhaabbii dhimma seeraa, aaddee Jamiilaa Burihulee immoo miseensa koree dhaabbii dhimma dinagdee taasisuun muudeeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015