Mootummaan naannichaa aadaafi safuu araraa Oromoo dagaagsuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira - Obbo Shimallis Abdiisaa

217

Bitootessa, 13/2014(TOI) - Mootummaan naannoo Oromiyaa Duudhaafi aadaa sirna araraa Oromoo dagaagsuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa himan.

Ajjeechaan abbootii Gadaa Karrayyuurratti raawwatame gochaa mootummaa naannichaa baay'ee gaddisiisedha jedhaniiru.

Qaama Abbootii Gadaa Karayyuurratti ajjechaa raawwateefi maatii miidhamtootaa jiddutti akkaataa aadaafi duudhaa ganamaa sirna Gadaattiin araarrii raawwatamee sirna gumaa baasuu akka raawwatamu gamtaan abbootii gadaa Oromoo murteessuu ibseera.

Abbootiin gadaa Karrayyuu gochi ajjeechaa abbootii Gadaafi hayyoota keenyarratti raawwatame bara hamtuu Abbaan Gadaa itti mucucaate jennee moggaafnerra jedhaniiru.

Badiin raawwatame safuu fi safeeffannaa Oromoo kan faallessedhas jedhaniiru.

Gochichi namoota dhuunfaan osoo raawwatame akkaataa sina Gumaa baafannaa fi lulluuqqii obbaafannaan gumaan wagga waggaan kanfalamaa itti fufa ture, amma garuu haala rakkoo nageenyaa naannichaa tureen dogongora uumameen gocha hammeeyyuummaa mootummaa fi uummata walitti buusuuf raawwatame ta’uu nuti gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo adeemsa kadhaa araaraa fi ifaajjii keessa turameen hubanneerra jedhan Abbaa Gadaa Tuulamaa fi barreessaan gamtaa abbootii Gadaa Oromiyaa Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa.

Gochi raawwatame gara Jabina kan qabuu fi sirna waloo keenya kan faallesse ta'us gochi raawwatame ilmoo finna ofiin tahus, wal malee rakkoo baratti dhufte hin ceenuutii gumaa kaffaluun araara buusuuf Gumiin abbootii Gadaa fi hayyuulleen Gadaa Oromiyaa mararraa Adaamaatti walgeenye marteessineerra jedhan.

Akkaataa lallaba bu'een Gumaa kaffalamuun booda sirnoonni raawwatamuu qaban marti ni raawwatamu jedhaniiru.

Pireezdaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa yaa'ii Caffee idilee har'a xumuramerratti gocha raawwatameen mootummaan naannoo Oromiyaa gaddi itti dhagahame olaanaa ta'uu eeruun kanneen yakka kana keessaa harka qaban seeraan akka gaafatamaniif hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Murtee Gumii Abbootii Gadaa murteessanis seeraafi safeeffannaa murtoo isaanii fudhachuuf mootummaan naannichaa qophii ta'uu eeruunsaanii kan yaadatamudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015