Itoophiyaatti lammilee miiliyoonaa 6.4 sababa hongeetiin miidhamaaniif gargaarsi dhihaachaa jira.

62

Bitootessa 12/2014(TOI) - Itoophiyaatti lammilee miiliyoonaa 6.4 sababa hongeetiin miidhamaaniif gargaarsi dhihaachaa akka jiru komishiiniin hoggansa sodaa balaa beeksise.

Komishineerri komishiinii hoggansa sodaa balaa Mitikkuu Kaasaa TOItti akka himanitti, haalli jijjirama qilleensaa ''Laaniinaa'' jedhamu Itoophiyaarratti dhiibbaa guddaa fideera.

Keessaayyuu Kibbaa fi Kibba bahaattii akkasuma bakkeewwan gammoojjii biyyaatti hawaasaa jiraatu irratti miidhaa jabaa qaqabsiiseera jedhaniiru.

Haaluma kanaan lammilee miiliyoona 6.4 sababaa hangeen miidhamaniif mootummaan federaalaa, Dhaabbilee deeggartootaa fi mootummoota naannoleen deeggarsii dhihaachaafii jirachuu komishineer Mitikkuu Kaasaa himaniiru.

Deeggarsi kunis kanneen nyaataafi miidhaan nyaataa waliin wal qabataan ta'uu himanii, hojiin dhiiheessii deeggarsaa kunis lubbuu nama baraaruu irratti kan xiyyeeffatedha jedhaniiru.

Hongeen kun naannolee horsiisee bultootaatti qabeenyaa beelladaarraan miidhaa kana caaluu akka hin qaqqabsiifneef deeggarsi nyaata beelladaas taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015