Aadde Adaanech Abeebeen Sheedootaa fi lafa qonna magaalaaf oolu dargaggootaaf dabarsan

58

Bitootessa 11/2014 (TOI) –Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftootti Sheedootaa 63 fi lafa qonna magaalaaf oolu 271 dargaggootaaf dabarsaniiru.

Aadde Adaanech qajeelfama sirna gurmaa'iinsa filatamaa fi uummata filate waliin wal arguu hojiitti hiikuu ifatti eegalchiisaniiru.

Haaluma kanaan Aadde Adaanech dabalatee filatamtoonni kutaa magaalichaa bakka buutoota ummataa waliin wal arganiiru.

Akkuma duula birmadummaarratti tokkummaan hirmaachuun injifannoo boonsaa galmeessine hojiilee misoomarrattis dabaluun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu qabna jedhan Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Ummata nu filate waliin mari'achaa hojjechuutu nurraa eeggama jechuun ibsaniiru.

Haaluma uummataaf waadaa galleen hawaasa bakka nu buufate waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuuf waadaa seenne kabajuun hojiitti galleerra jedhan.

Sirna kanarratti Sheedoota iddoo daldalaaf tajaajilaan 63 fi iddoolee qonna magaalaaf oolan 271 dargaggootaaf dabarsaniiru.

Akkasumas kutaalee hawaasaa harka qalleeyyiif deeggarsa taasiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015