TOI Itoophiyaa ijaaruu keessaatti hojiiwwan seenaan bara baraan yaadatu hojjechaa ture.

87

Bitootessa 07/2014(TOI) - Tajaajilli Oduu Itoophiyaa(TOI) ijaarsa Itoophiyaa keessatti hojii boonsaa bara baraan yaadatamu hojjechuu Waajjira Ministira Muummeetti Qindeessaan jiddugala ijaarsa sirna dimokraasii doktar Biqilaa Hurrisaa himan.

Agarsiifni suuraa Tajaajilli Oduu Itoophiyaa Oromiyaa Biroodkaasting Neetworik(OBN) waliin qopheesse har'a magaalaa Adaamaatti banameera.

Sirna kanarratti agamuun doktar Biqilaa Hurrisaa akka dubbatanitti Itoophiyaa keessatti dhaabbilee seena qabeeyyii jedhaman keessaa Tajaajilli Oduu Itoophiyaa isa tokkodha.

TOI seena qabeessa ta'uu isaa qofa osoo hin ta'ane, dhaabbilee Itoophiyaa ijaaraniiru jedhaman keessaas isa duraati. Kunis dhaabbaticha dhaabbata yeroofi barri hin jijjiirre dhaabbata uummataa ta'uus himaniiru.

Itoophiyaan kan as geesse seena adda addaa keessaa darbuuni.

Adeemsa kana keessatti gaheen TOI olaanaafi kan barri hin jijjirredha jedhaniiru.

Tajaajilli Oduu Itoophiyaa OBN waliin ta'un fedhiin jijjiramaa Itoophiyaa keessa ture firii akka godhatu hojii guddaa hojjeteera jedhaniieu.

Miidiyaaleen lamaanuu waggoota arfan darban milka'inaa ture gabaasuu uummataaf odeeffannoo kennuun dirqama isaanii bahaa turanis jedhaniiru.

Dhaabbileen kun gara fuula duraattis hojiiwwan Itoophiyaanota caalaatti waliigalchu irratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu jedhaniiru.

Haala kanaan yoo hojjetan kanneen kaayyoo isaanii Itoophiyaa diiguu godhatanii hojjetan qolachuun ni danda'ama jedhaniiru doktar Biqilaa Hurrisaan.

Keessummoonni agarsiisa kana irratti argamaniis TOI waggoota hedduuf hojii milkaa'aa hojjechaa kan tureefi gara fuula duraattis hojii cimaan kan irraa eegamudha jedhaniiru.

Agarsiisa suuraa qopha'e kanarratti hoggantoonni mootummaa, abbootii Gadaa, hoggantoonni TOI fi OBN akkasuma keessummoonni waamichi taasifameef argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015