Yaa’ii 1ffaan Paartii Badhaadhinaa hirmaachisaa ture- hirmaattota yaa’ichaa - ENA Afaan Oromoo
Yaa’ii 1ffaan Paartii Badhaadhinaa hirmaachisaa ture- hirmaattota yaa’ichaa

Finfinnee, Bitootessa 4, 2014 (TOI) – Yaa’ii 1ffaan Paartii Badhaadhinaa bilisaa fi hirmaachisaa ta’uusaatiin guddina diimokiraasii Itoophiyaaf bu’uura kan kaa’e ta’uu hirmaattonni yaa’ichaa ibsan.
Yaa’ichi erga eegalamee har’a guyyaa 3ffaa yoo ta’u oolmaasaa kaleessaan Preezdaantii fi Ittaanaa Pireezdaantii filuun ni yaadatama.
Dabalataan Yaa’ichi Koree giddugaleessaa paartichaa fi gabaasa Komishinii to’annoo fi inispeekshinii dhaggeeffachuun raggaasiseera.
Hirmaattonni yaa’ichaa karaa nagaa fi diimokiraatawaa ta’een yaadasaanii ibsachaa fi hirmaannaa taasisaa turuu ibsameera.

Yaa’ichaan hirmaattonni naannolee Itoophiyaa hundarraa dhufan akka kanaan dura cina dhaabbatanii ilaalaa kan hin turree, hirmaannaa walqixa ta’e taasisuu fi ga’ee hoggansaa ba’achuu hirmaattonni kunneen eeraniiru.
Yaa’ichaan kanaan dura deeggartoota jedhamuun hirmaattota kan hin taane amma garuu dhimma biyyasaaniirratti qixa hirmaachaa jiraachuu Miseensi koree hojii raawwachiistuu paartichaa Ambaasaaddar Nabiil Mahaadii ibsaniiru.
Yaa’ichi dimookiraatawaa fi hirmaachisaa ta’uu ibsuun guddina diimokiraasii Ityoophiyaaf bu’uura kan kaa’u ta’uu eeraniiru.
Hirmaachisummaan yaa’icharratti mul’ate ijaarsa diimokiraasii fi badhaadhina Ityoophiyaa akka dhugoomuuf agarsiistuu ta’uu hirmaattuun Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Beenishaangul Gumuz irraa dhufan aadde Abarraash Dachaas.
Ityoophiyaanonni hundi qixa hirmaachaa jiraachuun isaanii yaa’icha yaa’iiwwan kanaan dura gaggeeffamaa turan irraa adda kan taasisu ta’uu Ittaanaan Komishinara To’annoo fi Inispeekshinii paartichaa obbo Jamaal Radii ibsaniiru.