Sirna gaggeessaa Abuna Marqoriyoos Addabaabayi masqalaatti geggeeffamaa jira.

79

Bitootessa 03/2014(TOI) - Sirni geggeessaa Paatriyaarkii 4ffaa Mana Amantaa Ortodooksi Tawaahidoo Itoophiyaa qulqulluu Abuna Marqoriyoos Finfinnee Addabaabayii Masqalaatti geggeeffamaa jira.

Sirna geggeessaa kanarratti abbootiin amantaa, hordoftoonni ortodoksii fi hordooftoonni amantaalee biroo akkasuma hoggantoonni mootummaafi ambaasaaddaroonni biyya alaa argamaniiru.

Bara 1980 Paatriyaarkii 4ffaa Mana Amantaa Ortodooksi Tawaahidoo Itoophiyaa ta'uun kan muudaman Qulqulluu Abuna Marqoriyoos Gurraandhala 25/2014 boqotan.

Sirni awwaalcha qulqulluu Abuna Marqoriyoos bor mana amantaa Kiristaanaa Kaatediraalii Qiddisti Silaaseetti raawwata jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015