''Yaa’iin 1ffaa Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Finfinneetti waan taa’aamuuf dhimmoota adda addaa raawwataman karaa milkaa’ina qabuun akka xumuramaniif qaamooleen nageenyaa qophii barbaachiisan hunda xumuruniru''

Bitootessa 02/2014(TOI) - Yaa’iin 1ffaa Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Finfinneetti waan taa’aamuuf dhimmoota adda addaa raawwataman karaa milkaa’ina qabuun akka xumuramaniif qaamooleen nageenyaa qophii barbaachiisan hunda xumurun hojiitti galuusaani Komaandi Poostiin Waloo Nageenyaafi Tiika Nageenyaa beeksise.

Yaa’iin paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinneetti kan gaggeeffamu yoo ta’u yaa’icha hordofee hojiileen garagaraa hojjetaman milkaa’inaan akka xumuramaniif qaamoleen nageenyaa qophii barbaachisaa taasisuun gara hojiitti galuu humni waloo qaamolee nageenyaa beeksiseera.

Yaa’icha hordofee Bitootessa 2-5 bara 2014tti magaalichatti sagantaaleen garagaraa kan gaggeeffaman ta’uu ibsameera.Haaluma kanaan Bitootessa 2 bara 2014 naannoo Kiiloo 4tti qophiin gaggeeffamu jalqabee hanga xumuramutti daandiiwwan kallattii garagaraarraa gara Kiiloo 4 geessan, Filoowaa gara Hoteela Sharaatan, Gaaraajii Sharaatanirraan gara Mana Maxxansaa Nigdi, Addabaabayii Teewodiroosii gara Koonsaniifi Bakka bashannanaa Ambaasaaddarii gara Hoteela Sharaatan geessan konkolaataaf cufaa ta’uu ibsameera.

Dabalataanis qophii walfakkaataan Bitootessa 2 bara 2014 eegalamee hanga xumuramutti daandiiwwan gara Kiiloo 4 geessan, Qabbannaarraa Beeleeriin gara Kiiloo 4 ibsaa Beeleer irratti, Kiiloo 6 irraa gara Kiiloo 4 ibsaa tiraafikaa Qidist Maariyaamiirratti, Piyaassaarraa Sabaa Darajaan gara Kiiloo 4 kan geessu Biiroo Bulchiinsa kutaa magaalaa Araadaarratti, Addabaabaayii Tewodiroos irraa gama Irrii Bakantuu Kiiloo 4 geessu ibsaa Irriiba Kantuurratti, Gabaa Awwareerraa gama Xiyyiit Beetiin Kiiloo 4 kan geessu Addabaabayii Awwaareerratti fi Koonsan irraa gara Paarlaamaa kan geessu konkolaataaf cufaa ta’uu eerameera.

Konkolaachistoonni daandiiwwan filannoo akka fayyadamaniifi miseensota poolisii tiraafikaaf deeggarsa barbaachisu akka taasisan humni walichaa yaadachiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015