‘’Deeggartoota jedhamne paartileen hoggansa biyyaarraa dhiibamnee turre yeroo ammaa carraa murtee kennu arganneerra’’ - ENA Afaan Oromoo
‘’Deeggartoota jedhamne paartileen hoggansa biyyaarraa dhiibamnee turre yeroo ammaa carraa murtee kennu arganneerra’’

Bitootessa 02/2014(TOI) - Deeggartoota jedhamnee paartileen hoggansa biyyaarraa dhiibamne turree wayita ammaa gochaan carraa murtee kennuu arganneerra jedhan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuzfi Miseensi Koree Hojii Raawwachiisaa Paartii Badhaadhinaa obbo Ashaadilii Hasan.
Obbo Ashaadiliin, Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin turtii taasisaniin gareen shororkeessaa ABUT wayita angoorra turetti isin deeggartoota paartichaati jechuun yaa’iiwwan #ADWUI, irratti akka hin hirmaanne nu dhorkaa tureera jedhan.
Bara Paartii Badhaadhinaatti garuu dhorkamuurraa baanee yaa’iiwwan paartichi gaggeessu hunda irratti argamuun carraa murtee kennuu arganneera jedhaniru.