Zayitiin nyaataa liitirri kumni 50 Karaa seeraan alaa mana kuusaa tokkotti konkolaataarraa buufamaa ture to’atame

94

Gurraandhala 30/2014 (TOI) – Magaalaa Harariitti zayitiin nyaataa liitirri kumni 50 Karaa seeraan alaa mana kuusaa keessatti konkolaataarraa buufamaa ture to’atamuu Biiroon Daldala Magaalaa Hararii beeksise.

Zayitichi konkolaataa fe’umsaa lakkoofsi gabateesaa 3- 29490 ET ta’erraa karaa seeraan alaa man-kuusaa naannoo Hammaareessaatti argamu keessatti osoo buufamaa jiruu eeruu iimmataan to’atamuu hogganaan biirichaa obbo Bushiraa Aliy ibsaniiru.

Zayinni kunis ka’umsi isaa buufata Jibuutii ta’uu fi naannichatti raabsuuf yaadamee akka ture ibsameera.

Zayitichi eeruu uummatni qaamolee nageenyaan ga’een to’atamuu fi konkolaachisaan konkolaatichaa yeroo bakkichaa miliquu ibsaniiru.

Zayitiin qabame maaneejimantiin biirichaa irratti mari’atee murtoo darbuun hawaasaaf gatii madaalawaan kan raabsamu ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015