Atileet Fayyisaa Leellisaa Masaraa Biyyoolessaatti Badhaasa Fudhate - ENA Afaan Oromoo
Atileet Fayyisaa Leellisaa Masaraa Biyyoolessaatti Badhaasa Fudhate
77
Finfinnee Ebla 02/2011 Atileet Fayyisaa Leellisaa olompiika Riyoorratti dorgommii fiigicha maaraatooniitiin meedaaliyaa meetii argamsiiseef badhaafame.
Atileet Fayyisaan Masaraa Biyyoolessaatti argamuudhaan badhaasasaa Birrii kuma dhibba 5 fudhateera.
Atileet Fayyisaan siyaasa biyyattii yerosii mormuu isaatiin gara biyyaatti waan hin deebi'iniif badhaasasaa osoo hin fudhatiin tureera.
Badhaasa yeroo sana qophaa'es har'a fudhateera.
Maddi:- waajjira muummicha ministiraa