Pirezidaanit Dastaa Lendeemoo hojii misooma jallisii Qamadii bonee daawwatan.

83

Gurraandhala 24/2014(TOI)- Pirezidaantiin naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Lendeemoofi hoggantoonni naannichaa biroon hojii oomisha Qamadii Jallisiin bona kana hojjetaman daawwatan.

Daawwannaa kanas kan taasisaan Aanaalee naannawaa Awaasaa fi Lookaa Abbaayatti Qamadii lafa heekatara 138 irraatti qonnaan bultootaa fi dureessootaan misoomaa jirudha.

Qamadiin jallisiin oomishame kun ji'a lamaan dura kan facaafame yoo ta'uu yeroo ammaa haala gaariirra jiraachuu hogganaan biiroo Qonnaa naannichaa obbo Masfiin Qaree daawwannaa kanarratti dubbataniiru.

Qamadiin jallisiin omishame kunis torban lamaan booda kan hamamuufi lafa heekatara tokko irraa qamadiin kumtaallii 40 jidduugaleessaan ni argama jedhamee akka eeggamu obbo Masfiin Qaree himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015