Naannoo Affaaritti lammilee sababa weerara garee shororkeessaa ABUT tiin qe'ee isaanirraa buqqa'aniif deeggarsi birrii miiliyoona 100 taasifame.

Gurraandhala 23/2014(TOI) - Naannoo Affaaritti lammilee sababa weerara garee shororkeessaa ABUT tiin qe'ee isaanirraa buqqa'aniif birrii miiliyoona 100, dhaabbileee miidhaan irraa gaheef immoo meeshalee adda addaa deeggarsi taasifamefira.

Deeggarsichas kan taasisee Ministeera Magaalaafi Bu'uura Misoomaati.

Meeshaaleen deeggarsaan dhaabbilee miidhamaniif taasifames Konkolaataa 'Pikappii', Konkolaatoota balfa goggogaa kaasan, Kompiitarootaafi meeshaalee biiroo keessaatti tajaajilan biroodha jedhameera.

Deeggarsichas Ministirrii Magaalaa fi bu'uura misoomaa aaddee Caaltuu Saaniii pirezidaantii naannoo Affaar obbo Awwal Arbaatti dabarsanii kennaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015