''Mootummaan Federaalaafi Naannoolee hojii lammiileefi beeyladoota sababa hongeen miidhaman baraaruuf hojjetan cimsani itti fufu qabu''

69

Guraandhala 23/2014(TOI) – Mootummaan Federaalaafi Naannoolee hojii lammiileefi beeyladoota sababa hongeen miidhaman baraaruuf hojjetan cimsani itti fufu qabu jedhan Itti aanaan ministira Muummee fi Ministirri dhimma alaa FDRI Obbo Dammaqaa Mokonniin.

Obbo Dammaqaa Mokonninifi Jilli isaanii hawaasa sababa hongeen Naannoo Sumaalee Godina Faafan irraa gara aanaa Harooreesitti beeyladota isaanii waliin buqqa’an dawwataniru.

Hawaasni sababa hongeen buqqa’ani Aanaa Harooreesitti argaman haala yeroo ammaa keessaa jiran ibsameefira.

Hawaasni aanichatti argamu beeylaldotaaf bishaaniifi nyaataa loonii kennaa kan jiran ta’uu ibsaniifiru.

Ta'uus garuu fedhii bishaanii fi nyaata beelladaa barbaachisuu caalaatti dabalaa deemu isaan ammaas mootummaan deeggarsa bishaaniifi nyaataa loonii akka taasisuuf gaafataniru.

Obbo Dammaqaan, sababa hongee kanaan lubbuun namoota akka hin dabarre hojjetama jiraachuu himun, fuula duras naannawa hongeen itti muudate walta’iinsa mootummaa federaalaafi naannooleen dhiyeessi bishaaniifi bishaan Bollaa qotuu irraatti xiyyeeffannoon hojjeatamaa jedhan.

Haaluma walfakkatuun lammiilee Naannoo Soomaalee sababa hongeen miidhamaniif deeggarsa gosa adda addaafi maallaqinni kenname.

Ministeerri Gaaliwwaniifi Komishiniin Gumurukaa lammiilee sababa hongeen miidhamaniif deeggarsa gosa adda addaafi Maallaqaa Birrii miiliyoona 34tti tilmaamamu kenne.

Deeggarsi gosa adda addaa kennaman kanneen meeshaalee kontiroobandiin to’ataman yoo ta’an tilmaamaan Birrii miiliyoona 22.8 kan ta’uu, uffata, nyaataa loonii konkolaataa 25, nyaataa kuntaala 716 akkasumas Firaashiifi uffata halkanii ta’uun himameera.

Dhaabbileen kanneen deeggarsa gosa adda addaan dabalataan Birrii miiliyoona 5 arjoomaniru.

Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Soomaalee obbo Musxafee Mohammad deeggarsa dhaabbilee kanneni galateffachun, qaamoleen biroos babal’achu hongee hubachuun deeggarsa akka taasisan gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015