Guyyaan Nyaata Manneen Barnootaa Afrikaa 7ffaan kabajamaa jira.

67

Guraandhala 21/2014(TOI) - Guyyaan Nyaata Manneen Barnootaa Afrikaa 7ffaan kabajamaa jira.

Guyyaan kunis "sagantaa nyaataa manneen barnootaa biyya keessaaf investimantii dabaluuun sagantaa nyaataafi misooma humna namaa guddisuu" mata duree jedhuun kabajamaa akka jiru Gamtaan Afrikaa beeksiseera.

Kabajamuun guyyaa kanaas biyyoonni Afrikaa sagantaalee nyaataa manneen barnootaa keessatti gaggeeffamuun gama misooma humna namaatiin jijjirrama akka fidaniifi galmoota misooma itti fufiinsaan milkeessuuf kutannoo qaban irra deebi’anii akka haaromsaniif gargaara jedhameera.

Ayyaanni kunis qindoomina Gamtaan Afrikaafi Sagantaa Nyaata Addunyaa, akkasumas deeggartoota misoomaa kanneen biroo waliin ta’uun kan qophaa’e yoo ta’u, sirna kanarrattis qaamolee qooda fudhatoota garaa garaa hirmaatan karaa toora interneetii marii paanaliin kan kabajan ta’uun himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015