Mi’eessituuwwan adda addaa 4 fi Gaayyoon sirna bittaa fi gurgurtaa ammaayyaatti dabalaman

175

Finfinnee,Gurraandhala 17/2014 (TOI) – Mi’eessituuwwan adda addaa 4 fi Gaayyoon sirna bittaa fi gurgurtaa ammaayyaatti Oomisha Gabaa Itoophiyaatti makamuu dhaabbatichi beeksiiseera.

Mi'eesituuwwaan kunis Dinbilaala, Abasuuda gurraacha, Qundoo Barbaree, Sunqoo fi Gaayyoodha.

Ibsa dhaabbanni oomisha gabaa Itoophiyaa TOI tiif ergeen Abasuunni gurraachi kuntaalli 1 Birrii kuma 26 fi 500, Sunqoo kuntaalli 1 Birrii kuma 12tti gurguramaa jira.

Oomishaaleen kunneen Oomisha Gabaa Itoophiyaatti makamuu isaanii hordofee baayi’inni oomishaalee Gabaa Itoophitaa 12 turan gara 17 ol guddachuu Dhaabbanni Oomisha Gabaa Itoophiyaa ibseera.

Itoophiyaatti waggaa waggaan mi’eessituuwwan kuntaalli kumni dhibbi 3 fi kumni 48 ol kan oomishaman ta’uu himameera.

Mi’eessituuwwan kun hedduunisaanii gabaa addunyaarratti daraan barbaaddamoo yoo ta’an, Itoophiyaan oomisha Sunqoon sadarkaa olaanaa qabdi jedhamera.

Waggaa waggaan oomishaaleen mi’eessituu tooniin kumni 15 gabaa alaaf kan dhiyaatu yoo ta’u, oomisha waliigalaa biyyattii keessa jiruun yoo madaallame gadi aanaa ta’uu ibsameera.

Oomisha Gaayyoo waggaan oomishamu kuntaala miiliyoona 2.6 keessaa, kuntaala kuma dhibba 7 fi kuma 75 kan hin caalletu gabaa alaaf dhiyaata jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015