Bulchiinsi magaalaa Finfinnee lammiilee naannoo Somaalee hongeen miidhamaniif deeggarsa taasiise.

72

Finfinnee, Gurraandhala 17/2014 (TOI) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee lammiilee naannoo Somaaleetti hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa fi nyaata loonii Birrii miiliyoona 12tti tilmaamamu taasiise.

Deeggarsicha Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebee Pireezdaantii naannichaa obbo Musxafee Mahaammadiif laataniiru.

Deeggarsi kun kan marsaa 2ffaa yoo ta'uu, marsaa jalqabaan deeggarsa Birrii miiliyoona 100 taasiisuun kan yaadatamuudha. Deeggarsi kun jiraattoota kutaa magaalaa Liddataarraa kan walitti qabame ta'uu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015