Mana barnoota kennaa addaa Buraayyuuf meeshalee kutaa yaaliif barbaachisu guutuuf waliigalteen mallateeffame.

150

Gurraandhala 16/2014(TOI) - Ministeerri Innoveeshinii fi Tekinolojii fi manni barnootaa Kennaa addaa 'STEMpower' Buraayyuu jedhamu meeshalee kutaa yaalii mana barnootichaa guutuuf waliigaltee dandeesisuu mallatteessan.

Waliigaltichas deetaan ministira Innooveshinii fi Tekinolojii doktar Baay'isaa Badhaadhaa fi bakka bu'aan IIsteem power Itoophiyaa doktar Simeenawu Qasqis mallatteessaniiru.

Waliigalteen kun mana barnoota kennaa addaa Buraayyuuf meeshalee barnoota damee Saayinsii, Tekinolojii, Herreegafi Injineeringii barbaachisan guutuufi ogeessota meeshaalee kutaa yaalii kanneen kan dhaaban dhiheessuufa hammata jedhameera.

Mana barnoota kanaaf meeshaleen yaalii barnootaaf oolan guutamaafi kan jiru ta'uun himameera.

Deetaan ministira Innooveeshinii fi Tekinolojii doktar Baay'isaa Badhaadhaa akka himanitti, Manni barnootaa Itoophiyaanoota dandeetti addaa qaban oomishu kun hojiin isaa xumuramaa jira jedhaniiru.

Doktar Baay'isan Ijaarsa mana barnootichaa xumuruuf ariifachiisu cinaatti meeshalee yaalii barnootaaf oolanis guutamaa jiraachuu himanii Isteem Paawor deeggarsa taasisaa jiruuf galateeffataniiru.

Bakka bu'aan Isteem Paawor Itoophiyaa doktar Simeenewu Qasqas Mana barnootaa dandeetti addaa Buraayyuuf meeshalee yaalii barnootaaf oolan dhiheessaa jiraachuu himaniiru.

Gara fuula duraattis ogeeyyii meeshalee yaalii barnoota kana dhaabanis dhiheessuun deeggarsa kan godha ta'uu himaniiru.

"STEMpower" kutaa yaalii barnootaa lamatti meeshalee yaalii barnootaaf oolan guutuuf waliigaltee mallatteessuusaa ibsi Ministeerri Innooveeshinii fi tekinolojii TOI erga ni mili'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015