Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ergaa Ministeera Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad irraa ergame Ministira Muummee Paakistaan Imiraan Kaahiiniitti kennaani.

Gurraandhala 15/2014(TOI) - Deetaan ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ergaa Ministeera Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad irraa ergame Ministira Muummee Paakistaan Imiraan Kaahiiniitti kennaani.

Jilli deetaa minsteera dhimma alaa ambaasaaddar Rediwaan Huseeniin durfamu kaleessa daawwanna hojii Paakistaan dhaquun isaanii ni yaadatama.

Michummaa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad Ministira Muummee Paakistaan Imiraan Kaahiin Itiyoophiyaa akka daawwatan Affeerraa dhiyeessaniiru.

Ambaasaaddar Reedwaan Paakistaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti walga’ii Mana Maree mirga namoomaarratti deeggarsa Itiyoophiyaaf kennan galateeffataniiru.

Itiyoophiyaanis hariiroo biyyoota lameenii gidduu galeessa gochuun imbaasii ishee Paakistaan magaalaa Islamabaditti banuuf murtaa’us himan.

Ministirri Muummee Paakistaan Imiraan Kaahiin gama isaaniin ergaafi hawwii ministirrii Muummee Dr Abiyyi Ahimad taasisaniifi akkasumas Affeerraa Ministirrii Muummee Dr Abiyyi taasisaniifis galteffataniiru.

Biyyoonni lameen hariiroo gama daldalaafi invaastimaantiin qaban caalaatti cimsuuf irratti hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Akkasumas murtee Itiyoophiyaan imbaasii ishee Paakistaan magaalaa Islamabaditti banuuf dabarsitees kan dinqisifataan ta’uu himan.

Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan biiliyoona 10 milkiin dhaabuu ishee Ministiraa Muummee Paakistaan Imiraan Kaahiin dinqisiifannaa qaban ibsuun,Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad yeroo dhiyoo keessatti Paakistaan akka daawwataanis affeerruu isaanis Ambaasaaddar Reedwaan himaniiru.

Mniniteera Dhimmaa Alaa irra odeeffannee.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015