"Itoophiyaanonni yoo yaadan wanti isaan daangessu hin jiru" -Doktar Abrahaam Balaayi

164

Gurraandhala 13/2014(TOI) - Ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa, sadarkaa kana irra gahuun Itoophiyaanonni darbees Afriikaanonni yoo yaadanii karoorfatan wanti isaan daangessu akka hin jirre mul’isa jedhan Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaafi Walittiqabaan Boordii Hidhichaa doktar Abrahaam Balaayi.

Dhaloonni yeroo keenyaa yeroofii waan darberratti rarraanee yeroo keenya kan balleessinuu osoo hin taane, waan yeroon barbaadu waliin deemne waan faayidaa qabu dhalootaaf dalagudha jedhan.

Kana immoo mootummoonni biyya keenyaa darban waan yeroo sana isaan yaadanii karoorsan nuti dhaloonni ammaa raaw'annee agarsiisuun ragaadha jedhan.

Pirojektiin kun bu’aa firii hawaasaafii mootummaati; kana dhugoomsuu keessatti hoggansi yeroo jalqabaafii isaan irraa kan fuudhanii sadarkaa kanaan gahan gahee mataasaanii bahatanii jiru jedhu.

Dogoggoroonni yeroo jalqabaa mudate sirreeffamanii akka hojiichi milkaa’uuf hojiin sirreeffamaa hedduun taasifamuun kallattiin kennamee hordoffiifi deeggarsi wal irraa hin citne taasifamuun guyyaa har’aa jala bultii xumura pirojektichaa irra geenyee jira.

Guyyaa har’aa kan eegalu sadarkaan jalqabaa anniisaa maddisiisuutti aanee carraa hedduu fidee dhufaa jira.
Pirojektiin kun ittaananii hojiilee hojjetamanii guutummaatti akka xumuramuuf hojiin hedduun hojjetamaa jira.

Fiixaan bahiinsasaatiif hojjettoota humnaarraa eegalee ogeeyyota, ummataafi mootummaa akkasuma qaamolee kallattiifi alkallattiin deeggarsa taasisan hunda ni galateeffanna jedhan.

Pirojekticha xumuruun waan yaadamee akka oolu hunduu gaheesaa akka bahachuu qabu waamicha koon dhiyeessa; baga gammanne, baga gammaadani jedhan Doktar Abrahaam.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015