Ministirri muummee FDRI doktar Abiy Ahimad hara'a hidha haromsaa guddicha Itoophiyaa aannisaa elektirii akka kennu hojii jalqabsiisaniiru.

Ministirri muummee FDRI doktar Abiy Ahimad hara'a hidha haromsaa guddicha Itoophiyaa aannisaa elektirii akka kennu hojii jalqabsiisaniiru.

Haasaa sirna hojii jalqabuu kanarratti taasisaniis hidhichi sadarkaa kanarra akka gahuuf qaamolee gumaacha taasisaan heddu galateeffataniiru.

Mootiichi Hayila Sillaaseen waan yeroo sana hojjetamuu hin dandeenye garuu wixinee kaahanii ijoollee isaanii waan kaahaniif galatatu isaanii mala.

Isaanitti aansee Mallas Zeenaawwii ijaarsa kana yeroon jalqabsiisuun danda’amu amma jedhanii eegalchiisuun galatatu isaaniif mala.

Isaanitti Aansee Ministira Muummee duraani Obbo Hayilamaariyaam Dassaalanyiif galatatu mala jedhan.

Obboo Alamaayyoo Taganuu, Injinar Simmanyi Baqaalaafii Injinar Silashii Baqqalaa galatatu isaan malas jedhaniru.

Injinar Kifilee Horroofis galatatu mala, Boordii Humna Elektiriikii hunda nan galateeffadha jedhan Dr. Abiyyi sirna ebba aannisaa elektirikii maddiisuu hidhichaa calqabsiisan haasawa taasisaniin.

Hojjattoonni Pirojektii Hidha Haaromsaa Itoophyaa, hunda ol Gooticha Raayyaa Ittisa biyyaa, Miseensota Diyaaspooraa hundaaf, namoota dhuunfaa miidiyaa hawaasaa irratti kanfaltii tokko malee Afaan Arabaatiin falmaa turan hundaaf galatatu mala.

Ummata Itioophiyaa maraaf nu amanee buusii buusuun nu waliin ta’uun kan nu deeggaran hunda galateeffachaa, hunda caalaa kan nu gargaare Waaqayyoof galatatu mala.

Pirojektiin kun hojii namaa qofa osoo hintaane gargaarsa Rabbii kan of keessaa qabuudha.

Biyyoonni yaa’a laga gadii waan hinbarbaachifne dalaganis isinis baga gammaddan.

Bishaan kun anniisaa maddisiisee darba malee asitti hafee obboloota keenya Sudaaniifii Ijipti kan miidhu miti.

Isinis akkuma keenya qabeenya uumamaa keessaniitti fayyadamuun diinagdee keessan akka guddiftan dhaamsa dabarsa.

Kanaan booda dhimma bishaanii irratti walqocoluu dhiifnee akkamitti waliin akka guddannuu yaaluu qabna malee waan hin malleef waliitti wacuu hin qabnu jedhan. Amma karoorri keenya Sudaaniifi Ijipti waliin taanee anniisaa gara biyyoota Awurooppaatti erguun, boba’aa qilleensa naannawaa faalu keessaa akka baanudha.

Kanaan booda akka yeroo darbee qocollaatti yeroo fixuun, siyaasa dabaa keessaa baanee guddina waloof akka hojjennuun dhaama.

Ummanni Itoophiyaa marti dhimmoota xixxiqoo irratti waldhiibuu dhiifnee akkuma laga Abaayi Ijaarre Itoophiyaa waliin haa ijaarrun jedha.

Itiyoophiyaa waliin haa ijaarru kan ijoollee keenya biyya bilisa, Badhaatuu haa dabarsinuu jedhan Dr. Abiyyi.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015