Walitti bu’iinsa hiri'isuufi ittisuuf gahee Dhaabbileen Amantaa qaban irratti mariin taa’ameera.

Gurraandhala 09/2014(TOI) - Walitti bu’iinsa hiri'suufi ittisuuf gahee Dhaabbileen Amantaa qaban irratti Magaalaa Finfinneetti geggeeffamaa jira.Yaa'ii dhaabbilee amantaa Itoophiyaa ''walitti bu'insa hiri'isuufi ittisuu keessaatti gahee dhaabbilee amantaa'' mata duree jedhuun taa'a jira.

Mariin kun guyyoota lamaaf kan geeggeffamu yoo ta'u yaa'ii dhaabbilee amataa fi miseensoota hoji raawwachiiftoota naannoleetu irratti hirmaachaa jira.

Hogganaan olaanaa yaa'ichaa Luba Taagay Taaddasaa akka himanitti dhaabbileen amantaa walitti bu'insa hiri'isuu fi ittisuu keessatti gahee olaanaa akka qaban marii kanarratti himaniiru.

Haala qabatama hari'a biyyi keessa jirtu hubachuun dhaabbileen amantaa fi hoggantoonni dhaabbilee amantaa wal hubachuun gahee irraa eeggamu bahuu akka qaban dhaamaniiru.

Rakkoon yeroo mudatu dhaabbileen amataa adda durummaan rakkichaaf furmaata kennuuf hojjechuu akka qaban himaniiru.

Keessattuu abbootiin amantaa dhageetti qaban fayyadamuun tokkummaa biyyaa haalota cimsuu danda'an irratti hojjechuu qabu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015