Mootummaan Naannoo Oromiyaa nageenya naannichaa mirkaneessuuf hojjechaa jira.

268

Gurraandhala 8/2014(TOI) - Mootummaan Naannoo Oromiyaa nageenya naannichaa mirkaneessuuf uummata waliin qindoominaa hojjetaa jiraachuu Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa ibsa miidiyaaleef keennaniin ibsaniiru.

Humni shororkeessaa shanee ummata nagaa irratti ajjeechaa raawwachaa jiraachuu isaa kan dubbatan Obbo Hayiluun humna badii kana dhabamsiisuun nageenya naannichaa mirkaneessuuf ummata waliin karaa qindoomina qabuun hojjetamaa jira jedhan.

Caasaa ummataa cimsuun ummanni nageenya isaa qaamoolee nageenyaa waliin ta’uun akka eeggatu gaachana sirnaa ijaaruun adda durummaan nageenya naannoo isaanii akka eeggatan taasisuun nageenyi waaraa akka argamu hojjetamaa jira.

Bu’aan gama kanaa argamees jejjebeessaafi cimee kan itti fufu akka ta’e ibsaniiru.

Gama biraatiin dargaggoota gowwomfamuun humna shororkeessaa shaneetti makaman ummatatti akka makaman waamicha dhiyeessuun hanga ammaattis waamicha taasifamee fudhachuun dargaggoonni dhibbaan lakkaa’aman ummatatti makamuu isaanii kan ibsan Obbo Hayiluun dargaggoonni ammas dogongoraan makaman ummatatti makamuuf feedhii qabaniif ulaan banaa ta’uu dubbataniiru.

Oppereeshinii qindaawaa fudhachuun humna shanee dhabamsiisuuf hojiin qindoominaan hojjetamaa jiras jedhaniiru. Haaluma wal fakkaatuun humna badii kana bittinneessuun iddoowwan qabate ture caasaa haaraadhaan ijaaruun ummata buqqa’ees deebisanii dhaabuuf hojiin hojjetamaa jiru cimee kan itti fufu ta’uus Obbo Hayiluun dubbataniiru.

Haa ta’u malee qaamoonni maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi ummata Naannichaa balleessuuf cichanii hojjechaa jiran ajjeechaan raawwatamaa jiru akka saba tokko irratti xiyyeeffateefi Mootummaan beekee akka callise hafarsaa jiran bu’aa siyaasaa hin malle argachuuf warra yaalan ta’uu himaniiru.

Humnoonni kun filatanii boowuun walitti bu’iinsi sabaa akka uumamuufi bu’aa siyaasaa hin malle argachuuf kan hojjetan ta’uu kan dubbatan Obbo Hayiluun miidiyaaleen odeeffannoo dogongoraa tamsaasuurra akka of qusachuun odeeffannoo dhugaa tamsaasuu akka qabanis dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015