Mariin rakkoo piroojetoota bishaan dhugaatii qulqulluufi saaniteeshiniirratti muli'atu furuurratti xiyyeeffate geggeeffame.

69

Gurraandhala, 7/2014(TOI) - Ministeerri Bishaaniifi Inarjii rakkoo piroojetoota bishaan dhugaatii qulqulluufi saaniteeshiniirratti muli'atu furuuf waldaa dhaabbilee ijaarsaa kanneen dhimma bishaanii waliin walqabaturratti hojjetan waliin mari'ateera.

Qala'insaa jireenyaa, Sababa gahaa malee tajaajilli dhiheessii bishaan dhugaatii adda cituu, Kanafaltiin geejibaa doonii mi'aa ta'uu, adeemsa eeyyama qaraxarraa bilisaa akkasuma hanqina simnitoo irraatti waldaaleen gaaffii gaafatanii irratti mari'atameera.

Ministirri bishaanii fi Inarjii injineer Haabtaamuu Ittafaa marii kanarratti akka himanitti gaaffii waldaleen gaafatan kanaaf furmaata kennuuf dhaabbilee dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Keessaattu hanqina Simintoo furuuf hojiin Minsiteeraa Albuudaa waliin jalqabamee rakkicha yeroo gabaabatti ni fura jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015