Ji'oota jahaan daraban haleellaa saayiber Itoophiyaarratti aggamaman kuma 3 fi 400 qolachuun danda'ameera.

84

Gurraandhala, 07/2014(TOI) - Ji'oota jahaan daraban haleellaa saayiber Itoophiyaarratti aggamaman kuma 3 fi 400 qolachuun danda'amuu Ejensiin nageenyaa odeeffaanno beeksiseera.

Darektarri olaanaa Ejensicha doktar Shumatee Gizawuu nageenyaa saayiberii fi dhimma waqtaawwa irraatti ibsa laataniin, Itoophiyaan humna haleellaa saayiber mudatu qolachuu dandeesisuu harka 96 ijaaruu dandeesseetti.

Kanaanis ji'oota jahaan daraban haleellaa saayiber Itoophiyaarratti aggamaman kuma 3 fi 400 qolachuun danda'ameera jedhaniiru.

Haleellaan kun osoo hin qolatamne ta'ee sadarkaa biyyaatti rakkoon cimaan kan uumamu ture jedhaniiru.Haleella raawwatame keessaa harki 33 bu'uraalee misoomaarratti, harki 25 haleella Marsariitii,harki 21 loote seentota, harki 19 haleellaa Maliweerii yoo ta'u akkasuma fuula miidiyaalee hawaasumaa butuu fi gowwomsaa karaa 'online' raawwatamedha jedhaniiru.

Dhaabbilee faayinaanisii, Waajjiralee ministeerootaa, Dhaabbilee tajaajila kennaan, Dhaabbilee oomishitootaa fi miidiyaaleen immoo kan haleellaan saayiberii kun bali'inaan irratti xiyyeeffatamedha jedhaniiru.

Kanneen haleellaan irratti raawwatames ariitiin furmaanni itti kennamee gara hojiitti akka deebi'an taasifameera jedhaniiru.''Haleellaan saayibeerii gara fuula duraatti yaaddoo weerara cimaa itti aanudha'' kan jedhan doktar Shumateen, kanaaf jechaa Itoophiyaan nageenyaa saayibeeriif dursa kennitee hojjechaa jirti jedhaniiru.

Namni kamiyyuu seeraa saayibeerii hordofuun haleellaa saayibeerii ittisuuf dirqama irraa eeggamu bahuu akka qabus dhaamaniiru.

Birmadummaan dijitalaa yaaddoo biyyoota hundaa ta'uu hubachuun miidiyaaleen hubannoo dhimma kanarratti jiru cimsuuf hojjechuu qabus jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015