Gareen Shororkeessitoota ABUT fi Shanee waliin waraanuuf akka hojjetan pirezdaantoonni lamaan himan

Gurraandhala 3/2014(TOI) - Pirezdaantoonni Naannoo Oromiyaafi Amaaraa akkasumas hoggantoonni naannoolee lamaanii Magaalaa Bahirdaaritti mari’ataniiru.

Marii booda ibsa kennaniin dhimmoota nageenyarratti mari’achuusaanii dubbataniiru.

Pirezdaantiin Naannoo Amaaraa Doktar Yiliqaal Kaffaalaa dhimmi nageenyaa kan hiikamuufi Itoophiyaan tokkummaan kan dhaabbattu waliin yoo hojjenne ta’uu marii’anneerra jedhan.
Shororkeessitoota ABUT fi Shanee waliin ta’uun waraanuuf naannooleen lamaan akka waliin hojjetan himaniiru.

Pirezdaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa gamasaaniin, qormanni Itoophiyaa inni guddaan finxaalessuummaa ta’uu dubbataniiru.

Ummattoonni naannoolee lamaanii Itoophiyaa kabachiisuuf ittigafatamummaa guddaa akka qaban himanii, shororkeessaa Shanee waraanuuf waliin akka hojjetan marii’achuusaanii ibsaniiru.
Ciminootaafi hir’inoota kanan dura turanirrattis mari’achuusaanii himaniiru. AMKtu gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015