Hoggantoonni Olaanoon Paartii Badhaadhinaa Sadarkaa Federaalaa jiran Leenjii ijaarsa dandeettii fudhachaa jiru.

Guraandhala 01/2014(TOI) - Hoggantoonni Olaanoon Paartii Badhaadhinaa Sadarkaa Federaalaa jiran Leenjii ijaarsa dandeettii fudhachaa jiru.

Kaayyoon leenjii kanaas hoggansa ga’umsa yeroon barbaadu qabu amanamummaa fi qajeeltoon uummata tajaajilu horachuuf ta’uu ibsameera.

Raawwii hojii gaarii fi cimana jiru cimsuun, hanqinoota turan immoo maksuun hoggansa akkaataa ummanni barbaaduun ga’umsaan tajaajila kennuu danda’u horachuuf waltajjii leenjii qophaa’e ta’uus eerameera.

Waltajjii leenjii Ijaarsa Dandeettii guyyoota 4f turu kanarratti Ministeeronni fi Ministiir Deetaawwan dabalatee hoggantoonni dhaabbilee Federaalaa garaagaraa 320 ta’an argamuun ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015