Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Habeebee, Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa milkaa’inaan akka xumuramuuf qaamoolee gumaacha taasisaniif galata dhiyeessan. - ENA Afaan Oromoo
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Habeebee, Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa milkaa’inaan akka xumuramuuf qaamoolee gumaacha taasisaniif galata dhiyeessan.

Amajji 30/2014(TOI) - Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Habeebee, Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa milkaa’inaan akka xumuramuuf qaamoolee gumaacha taasisaniif galata dhiyeessan.
Yaa’ichi karaa nagaan akka xumuramuuf jiraattonni magaalichaa hundi simannaa fi kabaja agarsiisaniif aadde Adaanach galata dhiyeessaniiru.
Dhaabbileen Mootummaafi Dhuunfaa Yaa’ichi Itoophiyaaf hiikkaa addaa akka qabu hubachuun naannoo isaanii qulqulleessuun, magaalicha midhagsuufi duudhaa Afrikaanootaa gara garaa agarsiisaniif galata dhiyeessuusaani karaa fuula Feesbuukii isaaniin beeksiisaniru.