Duula qulqullinaa godinaaleefi magaalota adda addaatti

137

Amajji,22/2014(TOI) - Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee sochii duula qulqullina magaalaa Finfiinneetti kan eegalchiisan yoo ta’u, godinaaleefi magaalota adda addaattis cimee itti fufeera.

Godina Jimmaa magaalota 46 keessatti duullu qulqullina Magaalaa geggeeffameera.

Duulli kun “Naannoo keenya haa qulqullissinu, sammuu keenyas jibbiinsaafi wal qooduurraa haa bilisoomsinu” jedhuun geggeeffame.

Itti Gaafatamaan Waajjira Misooma Magaalaafi Manneenii Godina Jimmaa Obbo Yaayyaa Aliyyii akka jedhanitti, hojiin kun duulaan ji'a ji'aan kan itti fufu ta'ee, idileenis namni kamiyyuu naannoo isaa qulqulleessuun magariisummaan uwwisuu qaba jedhan.

Itti Gaafatamtuun ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Godina Jimmaa Aadde Najaat Kadiir gamasaaniitiin, fayyummaa hawaasa keenyaa eeguuf idileen naannoo keenya qulqulleessaa jaalalaafi tokkummaa ummata gidduu jiru cimee itti fufuu qaba jedhan.

Gama biraatiin magaalaa qulqulluu hojiilee misoomaaf mijooftuu taate uumuuf hirmaannaa barbaachisaa taasisuun gahee isaanii kan bahan ta’uu jiraattoonni Bulchiinsa magaalaa Walisoo himan.

Magaalichatti hojiin duula qulqullina hirmaannaa gaggeessittootaafi hawaasaan raawwateera.

Magaalaan Walisoo kan warra idileen hojii qulqullinaarratti boba’anii qofa osoo hin ta’in, kan xiqqaa amma guddaatti keessa jiraatuuf, hawaasa hundaatti kan jedhan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Walisoo Aadde Birhaanee Amdiisaati.

Akkasumas duulli qulqullina magaalaa Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti bulchinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti eegalame.

Sagantaa kannarratti Hogganaan Biiroo Misooma Magaalaa Oromiyaa Obbo Guyyoo Galgaloofi Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Mangistuu Baqqalaa saganticha eegalchisaniiru.

Kantibaan bulchiinsa magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Obbo Bariisoo Tamasgeen, qulqulinni naannoo aadaa ta'ee akka itti fufuuf yeroo hunda torbaniin magaalaa keenyaa jiraattoota waliin ni quluqulleessinaa jedhan. OBN.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015