Yuunivarsiitiin Waraabee deeggarsa meeshaalee adda addaa kan gatiin isaanii miiliyoona 2.8 baasu Yuunivarsiitii Waldayaaf taasisee.

Amajji, 20/2014(TOI) -Yuunivarsiitiin Waraabee deeggarsa meeshaalee adda addaa kan gatiin isaanii miiliyoona 2.8 baasu Yuunivarsiitii Waldayaaf taasisee.

Deeggarsa Yuunivarsiitichi taasise keessaas Kompuutaroota , Meeshaalee barreeffamaa, 'Farnicharoota' adda addaafi meeshaalee barnootaa fi kan baratoonni ittii nyaata nyaatanidha jedhaniiru.

Bakka bu'aan Pirezidaantii Yuunivarsiitii Waraabee obbo Kadir Shifaa akka jedhanitti, deeggarsichi Yuunivarsiitiin Waldayaa yeroo gabaabaa keessatti gara hojii baruu fi barsiisuutti akka deebi'uuf deeggarsa taasifamedha.

Deeggarsi kunis gara fuula duraattis cimee kan itti fufu ta'uu himaniiru.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Waldayaa doktar Abbabaa Girmaa , Yuunivarsiitiin Waraabee Yuunivarsiitiin Waldayaa akka hojii idileessaatti dafee deebi'uuf deeggarsa meeshalee bu'uuraa taasiseefif galateeffachuu ragaan Minsteera Barnootaarra argamee ni muli'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015