Dhaabbileen hojii Tekinolojii Dijitaalaa irraatti bobba'an 3 beekamtii argachuun gara hojiitti galan. - ENA Afaan Oromoo
Dhaabbileen hojii Tekinolojii Dijitaalaa irraatti bobba'an 3 beekamtii argachuun gara hojiitti galan.

Amajji, 19/2014(TOI) - Ijaarsa dinagdee dijitaalaa Itoophiyaa keessaatti gahee guddaa bahuu danda'u jedhamanii kan hundeeffaman dhaabbileen damee tekinolojii dijitaalaa irratti bobba'an 3 beekamtii argachuun gara hojiitti galaniiru.
Dhaabbileen kunis; Waldaa Sagantaa Tiraansifoormeeshinii tekinolojii dijitaalaa Itoophiyaa, Waldaa tajaajila kennisa ergaa ariifachiisaa, waldaa dargaggootaa hojii uumtota Itoophiyaadha.
Dhaabbileen kunis Ministeeraa innoveeshinii fi Tekinolojiin kan hundeeffamadha jedhamera.
Ministir deetaan Minsteeraa Innooveshinii fi Tekinolojii Hurriyaa Alii akka jedhanitti, dhaabbileen damee tekinolojiirratti bobba'an waldaalee cicimoo ta'an hundeessuun dinagidee dijitaalaa Itoophiyaa deeggaruu qabu jedhaniiru.
Misoomni dinagideen dijitaalaa Itoophiyaa guddachuu kan danda'u yoo dhaabbileen dhuunfaa haalaan keessaatti hirmaatanidha kan jedhan Hurriyaa Aliin,mikaa'ina isaafis dameen dhuunfaa dinagidee hoogganuu humna dandeesisuu horachuu fi qindaa'uu qaba jedhaniiru.
Waldaaleen kunneen waliigaltee Minsteeraa Innoveeshiinii fi Tekinolojii waliin isaan hojjechiisuu danda'u mallatteessaniiru.
Ministeericha waliinis dhimmoota adda addaarratti mari'achuus ragaan Ministeera Innoveeshiniifi tekinolojiirra argamee ni muli'isa.