Waltajjiin hariiroo seera raawwachiiftoota Mootummaa federaalaa fi naannolee gaggeeffamaa jira.

84

Amajjii 19/2014 (TOI) - Waltajjiin hariiroo seera raawwachiiftoota mootummaa federaalaa fi naannolee magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.Waltajjichaan dhimmoota waqtaawaa fi biyyaalessaarratti mari'atamaa jiraachuu ibsameera.

Minstira Muummee FDRI doktar Abiy Ahimadii fi Itti aanaa Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin dabalatee Pireezdaantoonni naannolee fi itti gaafatamtoonni Paartii Badhaadhinaa waltajjii kanarratti hirmaachaa jiru jedhame.

Waltajjiin hariiroo raawwachiiftootaa seeraa mootummaa federaalaa fi naannolee kun baatii tokko dura magaalaa Samaraatti gaggeeffamuun kan yaadatamuudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015