Turtiin labsiii yeroo hatattamaa akka gabaabbatuuf murtaa'e

Amajji, 18/2014(TOI) - Manni Maree Ministirootaa walgahii hatattamaa 2ffa gaggeesseen labsii yeroo hatattamaa lakkoofsa 5/2014 balaa birmadummaa biyyaarratti aggaamame ittisuuf bahe kaasuuf yaada murtoo dhiyaaterratti mari’ate murtoo dabarseera.

ABUT fi fakkaattonnisaa birmadummaa biyyaarratti balaa fiduuf kan kaayyeffate ta’uufi balaa kana hojii seera kabachiisuu idileetiin ittisuun waan hin danda’amneef Manni Maree Ministirootaa Onkoloolessa 23 bara 2014 labsiin yeroo hatattamaa akka bahu kan murteesse yoo ta’u, Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataas bu’ura labsii lakkoofsa 1264/2014’n raggaasisee hojiirra jiraachuunsaa kan beekamudha.

Haa ta’uu malee labsii yeroo ariifachiisaa kun akka bahuuf haalli dirqisiisee ture waan jijjirameefi sodaa jirus sadarkaa hojii seera kabachiisuu idileetiin ittisuufi to’achuurra waan gaheef labsiin yeroo ariifachiisaa ji’oota jahaaf bahee ture gabaabsuun barbaachisaa ta’ee argameera.

Kanaaf bu’ura labsii lakkoofsa 1264/2014 keeyyata 11(2)rratti baheen, Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa daangeffamni ji’oota jahaaf bahe akka gabaabbatuuf manni maree .inistirootaa raggaasisuun gara Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti akka darbu murteessuusaa Waajjirri Ministira Muummee beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015