Fedhiin Israa’el nageenyii waaraan Itoophiyaa keessa akka jiraatudha.

66

Amajjii 17/2014 (TOI) – Israa’el nageenyii waaraan Itoophiyaa keessa akka jiraatuuf kan barbaadduu waan ta'eef adeemsa mootummaan Itoophiyaa nageenya waaraa fiduuf itti hojjetaa ture kan deeggartu ta’uu beeksisteetti.

Israa’elitti ambaasaaddarri Itoophiyaa Ambaasaaddar Rattaa Alamuun gorsaa imaammata alaa Pireezdaantii Israa’el Ambaasaaddar Ziivii Viippiinii waliin halaa waqtawaa Itoophiyaa fi dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

Marichaan Ambaasaaddar Rattaan haala waqtawaa Itoophiyaa keessumaa gacha garee shororkeessaan ABUT naannolee Amaaraa fi Afaar irratti raawwaterratti ibsa laataniiru.

Yeroo ammaa furmaata siyaasaa fi mariif ulaa banuun waltajjii marii hunda hirmaachise eegaluuf haala mijeessaa jiraachuu ibsaniiru.

Mariacha hunda haammataa taasisuu fi waliigaltee biyyaalessaa uumuuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Ambaasaaddar Ziiviin gamasaaniin, Israa’el akka biyya michuutti nageenyaa fi tasgabbii Itoophiyaa kan barbaadduu, ejjennoo mootummaa Itoophiyaa kan hubatanii fi adeemsa mootummaan Itoophiyaa nageenya waaraa fiduuf itti adeemaa jiru kan deeggaran ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan Israa’el Itoophiyaa karaa barbaachisaa ta’een kan deeggaru ta’uu ibsuu isaanii ragaan Israa’elitti Imbaasii Itoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015