Guyyaan Horsiise bultootaa 18ffaan Magaalaa Adaamaatti kabajamaa jira.

48

Amajji,17/2014(TOI) - Guyyaan Horsiise bultootaa 18ffaan Magaalaa Adaamaatti kabajamaa jira.

Sirna Kabaja ayyaana Horsiifate bultootaa kanarratti Pireezidantti FDRI Saayilewariq Zawudee, Af-yaa'ii mana maree Federeeshinii Aganyoowu Tashaagar, Pireezidaantii naannoo Oromiyaa Shimalliis Abidiisaa, ministira jallisiifi naannolee gammoojjii Injineer Ayishaa Mahaammad fi keessummoonni naannaawwa horsiifatee bultoonni jiran irraa dhufan hirmaataniiru.

Guyyaan Horsiise bultootaa 18ffaan mata duree "Misooma horsiise bultootaa badhaadhina biyyaaf" jedhuun kabajama jira.

Ayyaanni kun Sadarkaa Federaalaatti qopheessummaa naannoo Oromiyaan Magaalaa Adaamaatti kabajamaa jira.

Mariiwwan dhimma misoomaa horisiisee bultootaarratti akka geggeeffamaniis himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015